Preezdaant Saahilawarq Zawdeen boqachuu Preezdaantii Buurudiif gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Preezdaant Saahilawarq Zawdeen boqachuu Preezdaantii Buurudiif gadda itti dhaga’ame ibsan.
 
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen boqachuu Preezdaantii Buurundii Piiyeer Nikuuruunziizaaf Imbaasii biyyattii Finfinnee jirutti argamuun gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
 
Preezdaant Piiyeer Nikuuruunziizaan umrii isaanii waggaa 55tti Kibxata darbe dhukkuba onnee isaan muudateen addunyaa kanarraa boqachuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment