Preezdaant Saahilawarq Zawdee Seeneegaalitti Imbaasii Ityoophiyaa tajaajilaa turan daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen waggoota afuriif tajaajilaa kan turan Seeneegaalitti Imbaasii Ityoophiyaa tajaajilaa turan daawwataniiru.

Preezdaantittiin Fooramii bishaanii idil addunyaa 9ffaa Seeneegaal Daakaariitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaata jiru.

Fooramichaan cinaattis tajaajilaa kan turaan Seeneegaalitti Imbaasii Ityoophiyaa daawwataniiru.

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen bara 1981 hanga 1985tti teessoosaanii Seeneegaal taasisuun Maalii, Keep Veerdee, Giinii Biisaawoo, Gaambiyaa fi Giiniitti ambaasaaddara Ityoophiyaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment