Preezdaant Saahilawarq Zawdee fi Ittaantuun barreessituu DhMG daa’imman garee shororkeessaa ABUTiin miidhaman gaafatan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee fi Ittaantuun barreessituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad naannoo Afaar hospitaala Duubitiitti argamuun daa’imman garee shororkeessaa ABUTiin miidhaman gaafataniiru.

Dabalataanis man-kuusaa of eeggannoo Dhaabbata Nyaata Addunyaa magaalaa Samaraatti argamu daawwataniiru.

Daawwanicharratti Prezdaantii naannoo Afaar Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa, jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa argamuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment