Preezdaant Saahilawarq Afrikaa Kibbaa galan

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen daawwannaa hojiif Afrikaa Kibbaa galaniiru.

 

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen wayita Buufata Xiyyaaraa Ooliivar Taamboo idila addunyaa Johaannisbarg ga’an Ministirri Ministeera Misooma Hawaasummaa Afrikaa Kibbaa Liindiiwee Zuuluunaa fi Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri guutuu fi ergamaan addaa FDRI Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam dabalatee hoggantoota biroon simatamaniiru.

 

Preezdaant Saahilawarq turtii isaaniin Preezdaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin wal arguun hariiroo biyyoota lamaanirratti kan mari’atan ta’uu ragaan Afrikaa Kibbaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment