Preezdaant Saahilawarq xalayaa muudama ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa fuudhan

Finfinnee, Hagayya 14, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Ityoophiyaatti kan muudaman xalayaa muudama amsaaddaroota biyyoota garaagaraa fuudhaniiru.

Xalayaan preezdantittiif dhiyaatees kan amsaaddaroota Giriik, Jarmaan, Sudaan fi Moorataniyaadha.

Ambaasaddaroonni kunneen wayita xalayaa isanii dhiyeessanitti, hariiroo biyyoota isaanii fi Ityoophiya gidduu jirurratti xiyyeeffannaa laachuun akka hojjeetan ragaan wajjii preezdantirraa argannee ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment