Preezdaant Saahilawarq ummaanni Ityoophiyaa rakkoowwan muudatan obsaan akka darban waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC)- Preezdaant FDRI fi Eegduun Waldaa Fannoo Diimaa Ityoophiyaa Saahilawarq Zaawdee uummanni Ityoophiyaa martii harka walqabachuun rakkoowwan uumamaa fi namtolchee obsaan akka darban waamicha dhiyeessaaniiru.

Preezdaantittiin boruu kan kabajamuu guyyaa Fannoo Diimaa fi Urjii sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsaniiru.

Hunda dura Ityoophiyaatti fi sadarkaa idil addunyaatti guyyaan Fannoo Diimaa  fi urjii Eebila 30 waggaa waggaan kabajamuuf baga ittin isiin ga’ee jedhaniiru.

Bara kana guyyaan fannoo diimaa sadarkaa idil addunyaatti mata dure ‘Unstoppable’ jedhuun yeroo 74ffaa yoo kabajamuu, akka Ityoophiyaatti ammoo mata duree ‘obsaan’ jedhuun yeroo 63ffaaf ni kabajama jedhaniiru.

Mata durichi balaawwan nam tolchee fi uumamaatin namoota miidhaamaan kan deeggaraan tola oltootaa, hojjettoottaa, ogeeyyii fayyaa hojiisaanii kan raawwataan  (#Unstoppable) jedhuu agarsiisuuf jedhaniiru.

Preezdaant Saahilawarq Zaawdee ummaanni Ityoophiyaa harka walqabachuun rakkoowwan uumamaa fi namtolchee obsaan akka darban waamicha dhiyeessaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment