Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen talaallii COVID-19 Afrikaa keessatti oomishamu ilaalchisee walga’ii komishiniin Gamtaa Afrikaa waamerratti hirmaataniiru.
Walga’iichi viidiyoo konfiraansii kan gaggeeffame yoo ta’u, oomisha talaallii Afrikaa gabaa addunyaa keessa galchuuf haalota dandeessisan irratti xiyyeeffatameera.
Waltajjichaanis waraanni Raashiyaa fi Yuukreen rakkoo wabii nyaata Afrikaarratti qabu furmaata biyyoolessaa laachuun akka barbaachisuu hoggantoonni biyyoota himaniiruu.
Waltajjichaarratti Preezdaantiin Faransaayii fi Preezdaantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa hirmaachuu ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.