Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Preezdaantii Gaaboon Alii Boongoo fi kan Angoolaa Joo’awaa Looreenzoo waliin dhmmoota hariiroo waloo fi ardii Afrikaarratti mari’ataniiru.
Duula birmadummaa Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jiruu fi hariiroo waloo haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Gaaboon baatii dhufu miseensa jijjiirramaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii taati jedhame.
Preezdaant Saahilawarq Zawdeen daawwannaa hojii biyyoota Afrikaa garaagaraatti taasiisaa turan Gaaboonitti xumuruu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.