Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif akaakuun Birrii kuma dhibba 6 fi kuma 5tti tilmaamamu gama waajjira isaaniin deeggarsa taasiisaniiru.
Deeggarsa mootummaan damee hundaan taasiisu cinaatti dhuunfaa isaaniin deeggarsa taasiisuuf waadaa galuun isaanii kan yaadatamuudha.
Guyyaa har’aa meeshaalee dubartootaa eeguuf gargaaran, uffataalee, nyaata badhaadhaa, Saaniitaayizarii fi haguuggi fuulaa deeggarsaan laataniiru.
Mootummaan lammiileen jireenya idilee isaanitti akka deebisanii fi deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoo laatee kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.
Maddi:-DhPI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.