Preezdaant Saahilawarq Ityoophiyaanota Naayroobii jiraatan waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2012(FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Naayroobiitti Ityoophiyaanota waliin mari’atan.

Preezdaant Saahilawarq daawwii isaanii Keeniyaatin Ityoophiyaanota Naayroobii jiraatan waliin mari’ataniiru.

Dhimma Hidha Haaromsaa fi haala biyyaarratti mari’ataniiru.

Preezdaant Saahilawarq Ityoophiyaanonni tumsa hidhichaaf taasisan akka itti fufan gaafataniiru.

Ityoophiyaanonni maricharratti hirmaatan, hidhicharratti ejjennoo mootummaa Ityoophiyaa dinqisiifatanii, deeggarsa isaanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment