Preezdaant Saahilawarq guutinsi bishaan hidha haaromsa marsaan duraa xumuramuu isaan ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen hojiin guutinsa bishaan Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa marsaan duraa xumuramuuisaan ergaa baga gammaddanii ummata biyyattiif dabarsa.
 
Guyyan har’aa Ityoophiyaa fi ummata Ityoophiyaaf guyyaa seenaa qabeessa jedhan.
 
Abjuun keenya dhugoomuu isaaf baga gammaddan jedhan.
 
Hoggantoonni Ityoophiya fi Ityoophiyaanoonni hedduun Abbay misoomsuuf fedhii olaanaa qabaatanis sababoota garaagaraan gufataa tureera jedhan.
 
Yaa ta’uutii karoorri isaanii milkaa’uu baatus dhaloonni dhufu ni milkeessa amantaa jedhu qabu ture jedhan Preezdaant Saahilawarq.
 
Dhaloonni kunis imaanaa sana eeguun itti gaafatamummaa isaa bu’uu danda’eera kan jedhan Preezdaant Saahilawarq, qaamni shakkuu yoo jiraate har’a deebii argateera jedhaniiru.
 
Uummamnillee ragaa baateerti, tokkummaa fi murannoon lammiilee qabeenya biyyaa waliin yoo qindaa’e wanti hin danda’amne hin jiru jedhan.
 
Walta’uun kaayyoo tokkoof yoo dhaabbanne wanti nuti dadhabnu hin jiru.
 
Yeroo ammaa hidhaan haaromsaa dubaatti deebi’uu akka hin dandeenye mirkanaa’eera.
 
Boqonnaan itti aanu keessatti hojiin humna maddisiisuu shakkii tokko malee dhugoomuu akka danda’a har’a agarreerra jedhan.
 
Hidhaan kun xumuramuun isaa rakkoo keenya hedduuf furmaata laachuu jechuudha.
 
Kun ammoo hunda keenya ni ilaallata.
 
Hojii manee hedduun akka nurra jirus dagachuun hin barbaachisu jedhan Preezdaant Saahilawarq.
 
Yoo tokko taane wanti humna keenyaa ol ta’u hin jiru jedhan.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment