Preezdaant Saahilawarq Filiippoo Giraand waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinara olaanaan dhimmoota Godaantootaa Filiippoo Giraand waliin mari’ataniiru.
Filiippoo Giraand buufata baqattootaa Eertiraa naannoo Tigraayitti argamu fi haala nageenyaa naannichaa kan daawwatan yoo ta’u, daawwannaa taasiisaniin naannicha deebisanii ijaaruuf sosochiin jajjabeessaan jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii olaanaan, mootummaa Ityoophiyaa waliin ta’uun naannoo Tigraayitti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa barbaachisuu taasiisuuf qophii ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment