Preezdaant Saahilawarq boqachuu Preezdaantii Taanzaaniyaatti gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen boqachuu Preezdaantii Taanzaaniyaa Joon Maaguufuuliiniitti gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Preezdaant Saahilawarqi mootummaa fi ummata Taanzaaniyaa, maatii isaanii fi itti aantuu Preezdaantii biyyattii Saamiiyaa Suuluuhuuf maqaa ummataa fi mootummaa Ityoophiyaan jajjabina hawwaniiru.

Itti aantuun Preezdaantii biyyattii Saamiiyaa Suuluuhuun itti gaafatamummaa olaanaa itti laatame ga’umsaan akka ba’an deeggarsa hawwii gaarii qaban ibsuu isaanii himameera.

Preezdaant Saahilawarq baatii jahaan dura daawwannaa hojiif gara Taanzaaniyaa imaluun preezdaantii yeroo dhumaaf Preezdaant Joon Maaguufuuliin waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’atan ta’uu isaan ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment