Preezdaant Saahilawarq boqachuu Daani’eel Araap Mooyin gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC)- Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen boqachuu preezdaantii Keeniyaa duraanii Daani’eel Araap Mooyin gadda itti dhaga’ame ibsan.
 
Preezdaant Saahilawarq ergaa dabarsaniin, gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
 
Preezdaantichi bilisummaa Keeniyaa fi hundeeffamuu Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaatif gumaacha olaanaa taasisuu ibsaniiru.
 
Keeniyaanotaa fi mootummaa Keeniyaa, akkasumas maatii isaanitiif gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
 
Daani’eel Araap Mooy umrii isaanii waggaa 94ffaatti kan boqatan yammuu ta’u, Keeniyaan amma sirni awwaalcha isaanii raawwatamutti guyyaa gadda biyyoolessaa labsiteetti.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment