Preezdaant Saahilawarq Ambaasaaddara Niijer gaggeessan

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Niijer gaggeessaniiru.
Niijer waggoottaan lamaan darban Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensa jijjiirramaa ta’uun waayita tajaajilaa turteetti murannoo agarsiifte, namuusaa fi tokkummaa Afrikaa fi biyya keenyaaf ejjennoo boonsaa muul’iftee galataa fi dinqisiifannaa qaban Preezdaantii fi ummata biyyattiif akka dhiyeessan Preezdaant Saahilawarq gaafataniiru.
Ambaasaaddarichi waggoottaan 6 darban hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf tattaaffii taasiisanis galateeffataniiru.
Preezdaant Saahilawarq baatii Torba dura Niijeritti daawwannaa hojii taasiisuu fi Filannoo biyyattiitti baroota 90ta keessa gaggeeffamerratti Gamtaa Afrikaa Bakka bu’uun garee taajjabdootaa dursuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment