Finfinnee, Bitootessa 13, 2013 (FBC) – Preezdaantiin duraanii Taanzaaniyaa Joon Maaguufuuliin malaamaltummaa ittisuu fi aadaa hojii babal’isuuf tattaaffii cimaa taasiisuu isaanii Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee ibsan.
Preezdaant Saahilawarq Imbaasii Taanzaaniyaa Finfinneetti argamuutti qaamaan argamuun boqachuu Preezdaant Joon Maaguufuuliin gadda itti dhaga’ame ibsataniiru.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee ergaa ummataa Taanzaaniyaa, mootummaa fi maatii Preezdaantichaf maqaa mootummaa fi Ummata Ityoophiyaan dabarsaniin Joon Maaguufuuliin guddinaa fi nageenya biyyattii mirkaneessuuf tattaaffii taasiisaniin bara baraan ni yaadatamu jedhan.
Malaamaltummaa fi hojmaata badaa ittisuuf,akkasumas lammiileen aadaa hojii gaarii akka horatan tattaaffii cimaa taasiisuu isaanii eeraniiru.
Preezdaant Joon Maaguufuuliin michuu Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanoota gaarii kan turan ta’uu ibsaniiru.
Preezdaant Saahilawarq hogganaa cimaa biyya isaanii fi Afrikaaf jaalala olaanaa qaban Joon Maaguufuuliin dhabuu keenyaan hunda keenyaatti gaddi onnee cabse dhaga’ameera jedhan.
Mooraa Imbaasichaatti argamuun gadda itti dhaga’ame ibsaniin, Preezdaant Joon Maaguufuuliin amala gaarii, kabaja biyya isaanii, Afrikaa fi dhala namaaf qabaniin bara baraan yaadatamaa jiraatu jedhan.
Preezdaant Joon Maaguufuuliin dhibee Onnee isaan muudateen umrii waggaa 61ffaa isaaniitti torbee darbe addunyaa kanarraa boqochuun isaanii kan yaadatamuudha.
Joon Maaguufuuliin umrii waggaa 56ffaa isaaniitti bara Faranjootaa 2015 Preezdaantii Taanzaaniyaa ta’uun filatamanii turan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.