Preezdaant Awwal Arbaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Turkii Yaapiraak Alpaa waliin magaalaa Samaraatti mari’ataniiru.

Marii isaaniin haalota waqtaawaa naannoo Affaarii fi dhimmoota biroorratti mari’achuu ibsaniiru.

Ambaasaaddarittiin Turk Yuunvarsitii Samaraa dabalatee proojektoota dameewwan garaagaraa naannichatti raawwatamaan deeggaruuf murannoo qabdu ibsuusaanii ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Turkirraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment