Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaan aanaa gootummaan garee shororkeessaa qolate Hadalee’eelaa daawwatan.
Aanichatti wayita gareen shororkeessaa ABUT Dabrasiinaadhaa baqatee Awaashiin qaxxaamuruuf yaalii taasisetti milishoonnii fi horsiise bultoonni waliin ta’uun miseensota garichaa kuma 6 ol barbadeessuu ibsameera.
Dhumarratti gareen shororkeessaa kun meeshaalee gurguddaa fayyadamuun aanichatti miidhaa garaagaraa raawwachuu yaadachiisameera.
Yeroo ammaa magaalichi deeggarsa mootummaa naannoo fi federaalaarraa argateen gara sochii idileesaa duriitti deebi’uu ibsameera.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.