Preezdaant Awwal Arbaa lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’aniif maaddii qoodan

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaa lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’aniif maaddii qoodaniiru.

Ayyaana Iid Alfaxiir sababeeffachuun Obbo Awwal Arbaa lammiilee sababa garee shororkeessaa ABUT’n qe’eesaaniirraa buqqa’an waliin ayyaana dabarsuuf magaalaa Samaraatti sagantaa maaddii qooduu qopheessaniiru.

Sagantaan maaddii qooduu kunis buufataalee Samaraa, Loogiyaa, Dubtii, Asaayitaa fi naannawaa birootti lammiilee qubatanii jiraniif qoodameera.

Obbo Awwal Arbaa buqqatoota magaalaa Samaraatti argamaniif sagantaa maaddii qooduusaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannicharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment