Preezdaant Aaganyaw Tashaager jila Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa waliin mari’atan

Preezdaant Aaganyaw Tashaager jila Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Preezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa Obbo Aaganyaw Tashaager jila  Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Preezdaant Aaganyaw badii gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan adda addaa naannichaatti raawwateen deeggarsi namoomaa ariifachiisaan kan barbaachisu ta’uu kaasuu isaanii ibsameera.

Dabalataanis gareen badii kun bakkeewwan kanneenitti lo’ee seenuun lammiilee nagaa ajjeesera, qe’eef qabeenya isaniirraa buqqiseera kana malees deeggarsa nyaataa gahaa akka hin arganne gochaa jiraachuu isaa ibsaniiru.

Kanaafis bakkeewwan kanneenitti dhaabbatichi deeggarsa namoomaa ariifachiisaa akka taasisu Preezdaant Aaganyaw gaafachuu isaanii AMK gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment