Pr MNO obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Fiichee Cambalalaa sababeechuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Fiichee Cambalalaa bara 2012 sababeechuun ergaa baga geessanii dabarsan
 
Ergaa guutuun isa akka armaan gadiitti dhiyaater.
 
Duraan dursee, ummata guddaa aadaafi duudhaa isaa eeggatee jaarrawwaniif turfachuun har’aan ga’ate, ummata Sidaamaatiin baga guyyaa kabaja ayyaana Fichee
Cambalaalaa nagaan geessan, baga waliin geenye jechuun barbaada.
 
Ummanni Sidaamaa sirna lakkoofsa baatiifi jijjiirama baraa ofiisaa danda’e qaba.
Sirni kun uumama ummatummaa isaa waliin kan dhalateefi mallattoo ibsituu eenyummaa ummatichaa ta’ee kabajamaa har’arra kan ga’ee dha.
Sirni guddaan dhaloota kaleessaatiin kalaqamee kunuunfamaa har’a ga’e kun, mallattoo miidhaginaa ummata Sidaamaa qofa osoo hin taane kaadhimamaa Ambaa Kiliyaa idil-addunyaa ta’uufis ga’eera.
Carraa kanaan baga gammaddan, baga milkooftan jechuun fedha. Sirna kun ibsituu eenyummaa ta’uu bira darbee madda galiifi hawwata tuuriizimii guddaa akka ta’us amantaa guddaan qaba.
 
Kabajamaa ummata Sidaamaa,
Ambaa miidhagaan ijaarsa biyyaafi hariiroo ummataa cimsuu keessatti qooda ol’aanaa qabu kun, dhaloota kaleessaatiin eegamee jaarraa 21ffaa ga’uun isaa ergaa gurguddaa lama akka nuuf dabarsuttan hubadha.
 
Dursarratti, dhaloonni kaleessaa jaarraa beekumsiifi qaroominni hin dagaagin sanatti, moggaasa guyyootaafi baatiiwwan, jijjiirama guyyaafi baroottanii adda baasuudhaan akeekuufi eeganii har’aan ga’uun isaanii dinqisiifannaa guddaadhaan kan ilaalamuu dha.
 
Rakkoofi qormaanni, gidiraafi ergaramni kamuu osoo isaan hin daangessin, aadaafi duudhaa ummatummaa ofii kunuunfachuufi har’aan gahachuu danda’uun ofiinsaa mallattoo guddummaafi sabboonummaa jaarraawwaniif darbee jiraatu ta’uunsaa mamii hin qabu.
 
Inni lammaffaan ammoo, sirni Fichee Cambalaalaa jaalala kan labsu, waliin jireenyaafi wal danda’uu kan tumsuufi aadaa hojii gaarii gabbifachuu kan barsiisu ta’uu kan agarsiisuu dha.
Taphni daa’imman manaa manatti deemuun taphatan ammoo akka si’eessituufi dammaqsituu sirnichaatti kan ilaalamuu dha.
 
Guyyaan kabaja Sirna Fichee Cambalaalaa raaga hayyuuwwan Sidaamaatiin kan akeekamu yammuu ta’u, kabajni ayyaanichaa ammoo umriifi saala, angafaafi quxusuu, lagaafi gosa osoo hin qoodin, dhala namaa hunda kan hirmaachisu ta’uun isaa amantaa ummanni Sidaamaa hariiroo gaarii, waliin jireenyaafi wal tumsuurratti qabu kan agarsiisuu dha. Kanaafuu, sirnichi mallattoo walqixxummaa, bulchiinsa gaarii, hariiroo cimaafi waliin jireenya naga-qabeessaafi wal-tumsaa ta’uu isaa ifatti kan mirkaneessuu dha.
Carraan argadhe kanatti fayyadamee irra deebiin baga geessan, baga waliin geenye jechaa, mallattoo hariiroofi walitti hidhamiinsa ummataa akkanaa kana qabaachuu keenyaaf gammachuu guddaan kan natti dhagaahamu ta’uu ibsuun barbaada.
 
Xumurarrattis, dhaala dhaloota kaleessaafi miidhagina dhaloota har’aa kabaja sirna guddaa kanarratti arganne kanatti fayyadamnee, qormaata hamaa sababa dhibee Koronaa (COVID-19)tiin nu quunname kana, duudhaa wal-tumsaafi waltahiinsaa aadaa keenya keessatti gabbifannetti fayyadamnee akka dandamannuufi wal bira dhaabbachuun akka ceenu amantaan qabu ol’aanaa ta’uu ibsaa, irra deebiin ayyaana gaarii akka isiniif ta’un hawwa.
Idaa’amuudhaan Qormaata Hunda Ni Injifanna!
Caamsaa 2012
Finfinnee
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment