Poorchuugaal Ibidda Bosonaa mudate qolachuuf labsii yeroo ariifachiisaa labsite

Finfinnee, Fulbaana 8, 2017 (FBC) – Poorchuugaal Ibidda Bosonaa to’annoon ala ta’e qolachuuf labsii yeroo ariifachiisaa labsuu beeksifte.

Balaan Ibidda Bosonaa jalqaba torbee kanaa Kaaba biyyattiitti mudate haalaan babal’achuun to’annoo ala ta’uu ibsameera.

Hanga ammaatti balilchi lubbuu namoota 7 galaafachuu eerameera.

Balicha hordofee Ministirri Muummeen Poorchuugaal Luwiis Moonteeneegiroon naannawaa balichitti hammaateetti labsii yeroo ariifachiisaa labsaniiru.

Balichi hanga ammaatti hektaara kuma 15 kan gube yoo ta’u, manneen Jireenyaa kuma 210 ol balichaan miidhamuu AFP gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment