Poolisoota muraasa naamusa hin qabneen gochi raawwatamu sirreeffamuu qaba-Aadde Adaanaach Abeebee

Finfinee, Fulbaana 23, 2014 (FBC)- Poolisoonni magaalaa keenyaa naamusaa fi amanamummaadhaan uummata tajaajilaa jiraatanis, poolisoota muraasa naamusa hin qabneen gochi raawwatamu immoo sirreeffamuu qaba jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen.

Aadde Adaanach Abeebee fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, Haati jireenyi ishee huqqisee daandii maddii teessu ilma ishee fuulduratti gara jabeenyaan wanti namarratti hin raawwatamne yennaa irratti raawwatamu argitanii, odeeffannoo qabattanii namoota saaxiltan isinin galateeffadha jedhan.

Gochichi raawwatamuun akkuma dhagahameen poolisootni too’annoo jala akka oolfaman taasifameera.

Adabbi gocha isaanii madaalu akka adabaman hordoffii ni taasifna jedhan.

Itti aansee dubartii sanaaf mana jireenyaa fi yaala akka argattu kan mijeeffamuuf yoo ta’u, dabalataanis giddugalaa nyaataa Nifaas Silkiitti hojii kan eegaltu ta’a.

Ammas hawaasa keenya waliin taanee yoo hojjanne gochootni akkanaa yennaa raawwataman ittisuu nin dandeenya. Ammas jabaadhaa gochoota kana fakkaatan saaxila jechuun dhaamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment