Poolisiin wal lola kormaa hindaaqqoo gidduu seene lubbuun darbe

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) – Poolisiin wal lola kormaa hindaaqqoo gidduu seene lubbuun darbe.

Filiippins keessatti bakka seeraan alaan hindaaqqoo wal lolsiisan dhaabuuf poolisoonni yeroo seenanitti, kormaan handaaqqoo tokko poolisii ajjeese.

Lutenaant Kiristiine Bolok siibiila qaraa qeensa handaaqqoo kanatti lolichaaf jecha itti hidhamee tureen miidhame.

Sibiilli kun sarbaa isaa irratti hidda isaa mure. Wal’aansa hatattamaaf gara hospitaalatti ergamuus akka achi ga’een lubbuun isaa darbeera.

Yeroo weerara kanaatti handaaqqoo wal lolchiisuun dhorkameera.

Weerara kana dura bakkoota eeyyama qabaniif Dilbataa fi guyyaa ayyaanaa irratti korma hanqaddoo wal lolchiisuun akka eeyyamamaa ta’e miidiyaan mootummaa PNA gabaaseera.

Hoogganaan poolisii naannichaa Koloneel Arneel Apuud balaan kun ‘milkii hamaa ibsuu hin dandeenyedha,” jechuun AFPtti himaniiru.

“Yommuu natti himame amanuu hin dandeenye. Poolisii ta’ee waggaa 25 hojjedhe keessatti waayilaakoo yeroon sababa handaaqqoon dhabu kun isa jalqabaati.”

Hogganaan poolisii kun maatii poolisii lubbuun isaa darbeefis gadda isaa ibsuu PNA gabaaseera.

Namooti sadii to’annoo jala oolanii, hanqaddoon lolan torba, sibiilli qaraa lamaa fi maallaqni Filippinsii Peeso 550 poolisiin to’atamuu PNA himeera.

Shakkamtoonni biroo sadii ammoo barbaadamaa jiru.

Filippiinsi keessatti lukkuulee kormaa wal lolchiisuun haalaan beekamaadha.

Namootni hedduu walitti qabamanii kan daawwatan dorgommii lola handaaqqoo kormaa, lamaan keessaa eenyutu mo’a kan jedhu irratti maallaqa qabsiisu.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.


 

Comments (0)
Add Comment