Poolisiin ummata tajaajiluu danda’u ijaarramaa jira -Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) –Poolisiin sirnaan lammiilee tajaajiluu danda’u ijaarramaa jira jedhe Koomiishiniin Poolisii Federaalaa.
Tajaajilli poolisii bakka hundatti walfakkaataa akka ta’u hojjetamaa jiraachuu janaraal koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw beeksisaniiru.
Kunis lammiilee sirnaan tajaajiluu dandeessisa jedhan.
Mariin paanaalii kun mata duree “Ofirra ummataa fi biyyaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira.
Janaraal koomiishinarichi waggoottan lamaan darban tajaajila poolisii ammayyeessuuf hojjetamaa turuu ibsan.
Kanaanis poolisiin teeknooloojidhaan deeggaramee tajaajila akka laatuu fi hojjetu taasiseeran ibsan.
Maricharratti itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan dabalatee, hoggansi federaalaa fi naannolee argamaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment