Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Poolisiin Magaalaa Asoosaa sakattoo tasaa mana jireenyaa nama dhuunfaarratti gaggeesseen meeshaalee garaagaraa gocha shororkeessummaaf ooluuf turan to’achuu Qajeelcha Poolisii Magaalaa Asoosaa beeksiise,
Qajeelcha Poolisii Magaalaa Asoosaatti hogganaan damee ittisa yakkaa Inispeektar Darajjee Ittaanaa akka ibsanitti, Sakattoo mana jireenyaa fi suuqii nama dhuunfarratti taasiifameen baalli sammuu nama adoochu kaanaabiis jedhamu kuntaalli 8 tokkoon tokkoo isaa kiiloograama 200 madaalu dabalatee maallaqoonni Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa, GPSn garaagaraa, Dabtarawwan Baankii maqaa garaagaraan banamanii to’annaa jala oolaniiru.
Waraqaan eenyummaa magaalaa Finfinnee hedduun argamuu eerameera.
Yeroo ammaa namichi to’annaa jala oolee qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Poolisiin magaalichaa haala nageenya magaalichaa amansiisaa taasisuuf hawaasa magaaalichaa waliin qindaa’uun hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Hawaasni magaalichaa naannoo isaa dammaqinaan hordofuun wanti addaa yoo uumame poolisiif eeruu kennuun deeggarsa baratame cimee akka itti fufu dhaamuu isaanii ragaan Koomishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.