Finfinnee, Eebla 28, 2015(FBC)- Poolisiin magaalaa Finfinnee miseensota poolisii idileefi kora bittinneessaa eebbisiiseera.
Sagantaa eebbaa kanarratti kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee Ittaanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Malaakuu Faantaa akkasumas hoggantoonni olaanoon magaalichaa fi qondaaltonni poolisii argamuu AMN gabaaseera.
Eebbifamtoonni yakkoota walxaxoo magaalichatti raawwataman hubachuun dursanii fashaleessuuf qaamaanis ta’e xiin-sammuun akka jabaataniif leenjii poolisummaa haaraa fudhachuu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.