Poolisiin Keeniyaa waa’ee vaayrasi Koroonaa nama odeeffannoo sobaa maxxanse to’ate

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Poolisiin Keeniyaa waa’ee vaayrasi Koroonaa nama odeeffannoo sobaa maxxanse to’ate.

Namni maqaansaa Elaayijaa Mutuuyii Kitoonyoo jedhamu kun, Keeniyaa Bahaa magaalaa Mwingiitti qabame.

Preezdantiin Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataa waa’ee COVID-19 irratti odeeffannoo sobaa warra maxxansanii fi qoodan akeekkachiisaniiru

Namni kun eenyummaa (akkaawuntii) sobaatti fayyadamuun oduu sobaa maxxanse jedhamuun himatame.

Maxxansichis mootummaan biyyattii namni jalqaba koronaavaayirasiin qabame jedhee ibse keessa sobni adii guute jedha.

Maxxansi inni maxxanse kunis haalaan kan qoodamaa ture yogguu tahu – dubartiin Xaaliyaan irraa dhufte malee akka mootummaan jedhutti Ameerikaarraa karaa Ingiliiz gortee Keeniyaatti hin dhufne jedhe.

Seera ittiin himatamuuf jiru ‘Computer Misuse and Cyber Crimes act’ cabsee argamnaan, Doolaara Ameerikaa 50,000 (Birrii miliyoona 1.7) yookaan hidhaa ganna kudhan hin caalleen yookaan lachanuu adabamauu danda’a.

Maddi:- BBC

Comments (0)
Add Comment