Poolisiin Federalaa naannoo Tigraayitti meeshaalee waraanaa hedduu too’achuu ibsame

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti duulaa olaantummaa seeraa mirkaneessurratti kan argamu Poolisiin Federaalaa sakattoo gaggeesseen meeshaalee waraanaa gareen finxaaleyyii biyya diiguuf itti fayyadamaa ture hedduu too’achuu beeksiseera.

Komishinii Poolisii Federaalaa Biiiroo qorannaa yakkaatti daayreektarri daayreektoreetii oppireeshinii hordoffii fi dirqamaa Komaandar Xilahuun Walda Tinsaa’ee miseensonni Poolisii Federaalaa naannoo Tigraayitti dirqamarratti argaman hojii hawaasa tasgabbeessuu hojjetaniin naannichaatti nagaan bu’uu eeraniiru.

Meeshaaleen waraanaa badii qaqqabsiisuuf qophaa’e kanneen fageenyarratti furguugaman dabalatee meeshaaleen waraanaa ammayyaa fi duubatti hafoon garaagaraa hedduun kaayyoo qophaa’eef osoo galmaan hin ga’in fashalaa’uu ibsaniiru.

Poolisiin Federaalaa naannichaatti nagaa waaraa fiduuf raayyaa ittisaa biyyaa fi qaama dhimmi ilaallatu biroo waliin qidoominaan hojjechaa jiraachuu Poolisii Federaalaatti ajejaan Diiviizhiinii Koomaandoo kumaa itti aanaan Komaandaraa Mahaamma Asaffaan dubbataniiru.

Meeshaaleen waraanaa dhuunfaa fi gareen qabataman raayyichaan too’atamuu ibsaniiru.

Hoggansii fi miseensonni Poolisii federaalaa Maqaleetti argamu tattaaffi meeshaalee kanneen too’achuuf taasiisan keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa kan ture ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarra argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment