Poolisiin Federaalaa Yakkoota Faayinaansii Dijitaalaan raawwataman ittisuuf qooda fudhattoota waliin mari’ate

Finfinnee, Caamsaa 24, 2016 (FBC) – Poolisiin Fedeeraalaa Yakkoota Faayinaansii Dijiitaalaan raawwataman waloon ittisuuf qooda fudhattoota waliin mari’ateera.
Hoggantoota Baankii Biyyaleessaa ,Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi Baankoota dhuunfaa waliin marii gaggesseera.
Mariicharratti Komishinarri komishinii Poolisii Fedeeralaa Jeneeraal Dammalash Gabramikaa’eel hasaawa taasiisaniin, Baankootan wal qabatee yakkoonni Saayibarii, Mobaayiil Baankiingin fi Miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun raawwataman babal’achaa dhufuu eeraniiru.
Yakkoota Idil Addunyaa fi sadarkaa Biyyaleessaatti yeroo garaa yerootti dabalaa dhufan kanneen waloon mari’achaa furmaata waloo kennuu barbachisaa ta’uu dubbataniiru.
Bulchaan Baankii Biyyaleessaa Obbo Maammoo Mihiraatuun gamaasaaniin,yakkoonni Faayinaansii Dijitalaarratti raawwataman rakkoo bal’aa fi walxaxaa ta’uu isaan rakkichaf furmaata waaraa ka’uun alaa Sirna Faayinaansii Dijiitaalaa alaa ta’uu kan hin danda’amne ta’uu ibsaniiru.
Komishinarri komishinii Poolisii Fedeeralaa Jeneeraal Dammalash Gabramikaa’eel, Bulchaan Baankii Biyyaleessaa Obbo Maammoo Mihiraatuu ,Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Abbee Saannoo fi Pireezidaantoonni baankiilee Dhuunfaa biroon maricharratti argamuu ragaan Poolisi Fedeeraalaarra argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment