Poolisiin Federaalaa qondaaltota olaanoof guddina gulantaa kennaa jira

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Qajeelchi Olaanaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa qondaaltota olaanoof guddina gulantaa kennaa jira.

Qondaaltonni guddinni laatameef ga’umsa hoggansaa fooyya’aa fi raawwii hojii gaarii warreen galmeessisan ta’uu ibsameera.

Saganticharratti Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin dabalatee hoggantoonni olaanoon biroo argamaniiru.

Qondaltota guddinni gulantaa kennameef keessaa 3 dubartoota ta’uu eerameera.

Guddinni gulantaa kan laatame qondaaltota olaanoo qajeelcha olaanaa waliigalaa poolisii federaalaa, qajeelcha waliigalaa Poolisii magaalaa Finfinnee fi qajeelcha waliigalaa poolisii Dirree Dawaaf ta’uu ibsameera.

Adaanach Abbabaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment