Poolisiin Federaalaa qajeelchawwanii fi miseensota poolisii raawwii gaarii galmeessaniif beekamtii kenne

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2017 (FBC) – Poolisii Federaalaatti Qajeelchii Waliigalaa Ittisaa Yakkaa qajeelchawwanii fi miseensota poolisii raawwii gaarii galmeessaniif beekamtii kenneera.

Dhaabbatichi teeknooloojiin deeggaramuun hojii yakka ittisuun bu’aa jajjabeessaa galmeessuun Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaashi Gabramikaa’eel ibsaniiru.

Yeroo itti aanus dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa cimsuuf ijaarsa dandeettirratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Hidhannoo fi Loojistiiksiin dandeetti fooyya’aa uumuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Hojiin dhaabbaticha humna namaa fi Teeknooloojiin ga’oomsuu hojjetamuu ibsaniiru.

Qajeelchawanii fi misensota Poolisii dirqamarratti gootummaan seenaa hojjetanii fi wareegama lubbuu kaffalan, akkasumas miseensota soorama bahaniif beekamtiin kennamerra.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment