Poolisiin federaalaa naannoo Tigiraayitti namoota yakkaan barbaadaman seeratti dhiyeessuuf hojjechaa jira – waajjira muummee ministiraa

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Waajjirri muummee ministiraa naannoo Tigiraayitti adeemsi olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffama ture marsaa olaanaan xumuramuu ibseera.
Poolisiin federaalaa naannoo Tigiraayitti namoota yakkaan barbaadaman seeratti dhiyeessuu; akkasumaas, naannichaatti seerrii fi sirni akka jiraatuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Lammiilee miidhaan qaqqabeef deeggarsi namoomaa akka taasisfamu; akkasumas lammiilee daangaa ce’uumsa baqatan deebisaanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu beeksiseera.
Naannoo Tigiraayitti garee badii ABUTn barbaadaa’ee kan ture tajaajjilli geejjiibaa fi teelekominikeeshinii tajaajila idilee akka laatuuf hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment