Finfinnee, Eebla 29, 2015 (FBC)-Poolisiin Federaalaa miseensota ittisa yakkaa, hokkara bittinneessaan leenjisaa ture har’a eebbisiiseera.
Sirni eebbichaarratti Ittaanaa Koomishinaraa Qajelcha Olaanaa Nageenyaa fi Eegumsaa Qajeelcha Waliigalaa Ittisaa Yakkaa Poolisii Federaalaa Abarraa Hundeen, miseensonni eebbifamaan leenjii fudhatan ga’umsaan xumuruu eeraniiru.
Nageenyaa fi tasgabbii biyyattii mirkaneessuuf qajeelchi nageenyaa fi tasgabbii hojiilee olaantummaa seeraa kabachiisuu gootummaan, iftoominaa fi of kennuun ergama biyyaalessaaf qophii ta’uu himaniiru.
Dirqamoonni duraan turan qormaata kan heddummaatan ta’uu eeruun, dirqama ummataa fi mootummaan kennameef wareegamni kaffalaman kan hindagatamne ta’uu dubbataniiru.
Fuuldurattis, dirqamoota eeggaman ga’umsan bahachuuf kutannoo kan barbaachisuu ta’uu eeraniiru.
Kanaafis naamusaa poolisummaan, walabummaan tajaajila poolisummaa kennuun poolisii ittisaa fi to’annoo hokkaraarraa akka eegamu hubachiisuu ragaan Polisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.