Poolisiin Federaalaa miidiyaalee marsariitii seeraan alaa 111 addaa baasuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Eeyyaama Tamsaamsaa utuu hinqabaatiin nageenyaa fi tasgabbii ummataa kanneen booressan, odeeffannoo ummattoota walitti buusaan kanneen tamsaasan ,miidiyaalee marsariitii seeraan alaa 111 addaa basuu beeksiseera.

Miidiyaalee marsariitii seeraan alaa ilaalchisuun Poolisiin Federaalaa ibsa kenneera.

Ibsa kennee kanaan labsii miidiyaalee 1238/2013’tiin eeyyama tamsaasaa kamiyyuu utuu hinqabaanne nageenyaa fi tasgabbii uummataa kanneen booressan, dhimmoota sablammootaa fi amantaarratti odeeffannoowwan walitti bu’iinsa babal’isan, akkasumaas olola sobaatiin mootummaa fi ummaata addaan baasuuf kanneen hojjetan, miidiyaalee seeraan alaa 111 odeeffannoo walitti qabeen adda baasuu beeksiseera.

Kanneen keessaa shakkamtootaa 10 to’annaa jala oolchuun qorannoo irratti gaggeessaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa ibsa baase kanaan himeera.

Ammaas tarkaanfiin qaamolee seeraan ala odeeffannoo tamsaasan irratti fudhatu cimee kan itti fufu ta’uu eereera.

Hawaasnis odeeffannoo isa biraa ga’uu hundaa qulqulleeffachuu akka qabu hubachisuun, qaamolee ajandaa uumuudhaan gama marsariitiin odeeffannoo walitti buusoo ta’an tamsaasan saaxiluu fi dabarsee seeraaf kennuun dirqama isaa akka bahatu gaafateera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment