Poolisiin Federaalaa meeshaalee kontroobandii Birrii biiliyoona 11’tti tilmaamaman akka to’ataman taasisuun ibse

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Poolisiin Federaalaa meeshaaleen kontiroobandii Birrii biiliyoona 11’tti tilmaamaman akka to’ataman taasisuu ibse.

Qajeelchi Waliigalaa Ittisa Yakkaa Poolisii Federalaa gamaaggama gaggeesseen rakkoolee jiran sakkatta’uun ciminoota jiran itti fufsisuuf, hanqinaalee addaa baafaman sirreessuuf kan hojjetamu ta’uu ibseera.

Gamaaggamicharratti Koomishinarri Jeneeralaa Poolisii Fedeeraala Dammallaash Gabramikaa’eel, seeraa fi heera biyyattii kabachisuun kallattiiwwan hojiilee fuulduraa ta’uu ibsan.

Karoora shoroorkessitootaa bakkeewwan garaagaraatti hidhatanii socho’aanii fashaleessuun hojiileen nageenya biyyaa mirkaneessuu hojjetamuu ibsaniiru.

Eegumsaa Yuunivarsiitiiwwanii fi bu’uuraalee misoomaa taasisuu akkasumas, qormaata biyyalessaa kutaa 12ffaa kara nagaan akka xumuramuu taasisuu keessatti gaheen Poolisii Fedeeraala olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Kana malees, bara baajatichatti Poolisiin Fedeeralaa meeshaalee kontirobaandii Birrii biiliyoona 11’tti tilmaamaman akka to’atamaniif gumaacha olaanaa taasisuu eeruu isaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment