Poolisiin Federaalaa Koollejjii waraanaa Naayijeeriyaa waliin muuxannoo waljijjiire

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC) – Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Koollejjii waraanaa Poolisii Riippaablika Federaala Naayijeeriyaa waliin muuxannoo waljijjiireera

Sagantichi mata duree ‘damee Albuudaa eeguun nageenya biyyaalessaa cimaaf’ jedhuun gaggeeffame.

Itiyoophiyaan Albuudoota hedduu qabaachuu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel muuxanicharratti ibsaniiru.

Imaamannii fi qajeelfamni mootummaa fooyya’uun misoomaaf humna olaanaa uumuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan Abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi idil addunyaa albuuda misoomsaanii fi oomishaniif mijattuu ta’uu ibsa taasiisaniiru.

Saamichaa fi daddabarsa seeraan alaa qabeenya Albuudarratti raawwattu ittisuun nageenya biyyaaf murteessaa ta’uu himuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment