Poolisiin Federaalaa fi Ityoo Telekoom dhaabbilee naannoo Amaaraatti barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa meeshaalee taasisan

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Poolisiin Federaalaa fi Ityoo Telekoom dhaabbilee naannoo Amaaraa garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa meeshaalee taasisuu ibsameera.

Deeggarsichi buufataalee poolisii 178 fi qajeelcha poolisii godinaa 5 garee shororkeessaa kanaan barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa meeshaalee  biiroo Birrii miiliyoona 10 olitti tilmaamamu ta’uu ibsameera.

Sirna walharkaa fuudhinsa deeggarsichaarratti Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel, Hojii raawwachiistuu Olaantuu Ityoo Telekoom aadde Firihiwoot Taammiruu, Preezdaantii naannichaa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa fi Komishinarri komishinii Poolisii naannichaa Takollaa Ayfokkiruu argamaniiru.

Jeneraal Dammallaash buufataaleen poolisii nageenya mirkaneessuuf ga’ee olaanaa waan qabaniif warren barbadaa’an deebisnee dhaabuun hojiilee nageenyaa daran cimsuu qabna jedhaniiru.

Buufataalee poolisii barbadaa’an debisanii dhaabuuf deeggarsa meeshaalee akka teessoo, kompiitaraa, Priintaraa fi kanneen biroo taasisuu hojii raawwachiistuu Olaantuun Ityoo Telekoom aadde Firihiwoot Taammiruu kaasaniiru.

Deeggarsa taasifamuun cinaatti bakkeewwan weerara garee shororkeessaa kana jalaa  bilisa ba’anitti bu’uuraalee misoomaa telekoomii deebisanii suphuun tajaajilli bilbilaa akka eegaluuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Preezdaantiin naannichaa Dooktar Yiliqaal gamasaaniin, gareen shororkeessaa ABUT naannichatti namaa fi qabeenyarra miidhaa cimaa qaqqabsiisuu ibsuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment