Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Poolisiin Federaala miiraa haaraa fi kaka’uumsaan fi tokkummaan ergama biyyaalessaa itti aanuuf bobba’uu ibseera.
Dhaabbatichi raawwii hojii 2014 bakka hoggantoonnii fi ogeeyyiin argamanitti gamaaggameera.
Koomishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa Dammallaash Gabiramikaa’eel waltajjicharratti, hooggantonnii fi hojjettoonni dhaabbatichaa nageenya biyyaa fi lammiilee gootummaan eeguu keessatti milkaa’inaa olaanaa galmeesseera jedhan.
Dhaabbilee nageenyaa biroo waliin ta’uunis, nageenyaa biyyaa mirkaneessuuf ergama isaa gootummaan bahachaa jiraachuu ibsuun ergamaa biyyaalessaa itti aanuuf bobba’uu dubbataniiru.
Shororkeessitootarratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu maricharratti ka’uu ragaan Poolisii Federaalaarra argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.