Poolisiin Federaalaa Awaash Sabaattitti ijaarsa Guddugala Leenjii Bu’uuraa Poolisii eegalchiise

Poolisiin Federaalaa Awaash Sabaattitti ijaarsa Guddugala Leenjii Bu’uuraa Poolisii eegalchiise

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) –Komishinarri  Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el  Awaash Sabaattitti ijaarsa Guddugala Leenjii Bu’uuraa Poolisii eegalchiisaniiru.

Itiyoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti guddugaloota barnootaafi leenjii ijaaruun poolisii ammayyeessuuf hojiile hedduun hojjetamaa jiraachuun Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el  ibsaniiru.

Giddugalli leenjii kun wayita xumuramu Poolisii Federaalaaf qofa osoo hin taane dhaabbilee poolisii Itiyoophiyaaf leenjii poolisii kennuu danda’a jedhan.

Pireezidaantii Naannoo Afaar Awwal Arbaa dabalatee qaamolee milkaa’ina hojii Poolisiin Federaalaa damee ijaarsa humna namaan hojjechaa jiruuf gahee bahatan galateeffachuu isaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Giddugala Leenjii Awaash Sabaattitti leenjitoota Poolisii leenjii bu’uuraa fudhachaa jiranis daawwataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment