Poolisiin Federaalaa adeemsa jijjiirramaa fi babaldhina teeknooloojii eegalee galmaan ga’uuf waloon ni hojjenna-Dooktar Warqinaa

Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC)- Poolisiin Federaalaa adeemsa jijjiirramaa fi babaldhina teeknooloojii eegalee galmaan ga’uuf waloon ni hojjenna jechuun Barreessaa Olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon ibsaniiru.

Jilli Dooktar Warqinaa Gabayyoon durfamu Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa daawwateera.

Jilichi hojii rifoormii dhaabbatichaa daawwateera.

Keessahu dhaabbatichi nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa eegsisuuf kaameeraa CCTV fi raadiyoo qunnamsiistuu poolisii gara diijitaalaatti jijjiiruun akkasumas yakka salphaatti ittisuu fi to’achuuf kan dandeessisuu kaameeraa konkolaattoota paatirooliirratti hidhe daawwataniiru.

Komishinaarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel, kaameeraa CCTV fi raadiyoo qunnamsiistuu poolisii gara diijitaalaatti jijjiiruun akkasumas yakka salphaatti ittisuu fi to’achuuf kan dandeessisuu kaameeraa konkolaattoota paatirooliirratti hidhame sadarkaa idil addunyaa kan eeggatee fi ammayya’oo ta’uu jilichaaf ibsaniiru.

Biyyoota Afrikaa keessaa teeknooloojiiwwan kanneen fayyadarra olchuurratti biyyoota muraasa jiran keessaa Ityoophiyaan ishee tokkodha.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment