Poolisiin Fedaraalaa eegumsa dhaabbilee federaalaaf Maqalee gale

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)- Bu’uura heera mootummaan dhaabbilee sadarkaa federaalaatti hogganamaniif eegumsa taasisuuf Poolisiin Federalaa Ityoophiyaa guyyaa har’aa Naannoo Tigraay Magaalaa Maqalee galuun hojii eegaleera.
 
Mootummaan Ityoophiyaa ABUT waliin waliigaltee nagaa Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti mallatteesse hordofee Poolisiin Federaalaa dhaabbilee sadarkaa federaalaatti hogganaman, buufata xiyyaaraa, humna elektirikii, tajaajila teelekoom, baankii fi dhaabbilee tajaajila hawaasaa biroof eegumsa amansiisaa akka taasisu beeksiseera.
 
Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa duraanis naannichaa seenuun hawaasa tasgabbeessuun gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an taasisuun hojiilee nageenya kabachiisuu hojjechaa turuun kan yaadatamuudha.
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
Comments (0)
Add Comment