Poolisii Joorj Filooyidiin ajjeesetti hidhaan dabalataa waggaa 20 murtaa’e

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Poolisii Joorj Filooyidiin ajjeese Deereek Chooviinitti hidhaan dabalataa waggaa 20 murtaa’uu gabaafam.

Poolisii bulchiinsa Miiniyaa haala suukkanneessaan gurraacha Ameerikaa Joorj Filooyidiin ajjeese Deereek Chooviin irratti hidhaan waggaa 22 murtaa’eera.

Yakka ajjeechaa raawwateen dabalataan Muddee darbe himannaa mirga namoomaa sarbuu irratti banameen murtoon badii irratti murtaa’ee ture.

Dhimmicha hordofaa kan ture manni murtiis Deereek Chooviin irratti hidhaa dabalataa waggaa 20 murteesseera.

Murticha hordofee Deereek Chooviin gara mana hidhaa federaalaatti geeffamuun turtii mana hidhaasaa kan dabarsu ta’uu BBCn gabaaseera.

Deereek Chooviin Joorj Filooyidiin lafarra ciibsuun jilba isaan mormasaarra jilbeenfachuun haala suukkanneessaan ajjeesuun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment