Poolisii Federaalaatti makamuun keenya itti gaafatamummaa biyyaalessaa olaanaaf akka qophoofnu nu taasiseera- Miseensota duraanii Humna Addaa

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015(FBC)- Poolisii Federaalaatti makamuun keenya itti gaafatamummaa biyyaalessaafi tajaajila uummataa olaanaaf akka qophoofnu nu taasiseera jedhan miseensonni duraanii Humna Addaa naannolee.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el miseensota humna addaa duraanii naannolee Poolisii Federaalaatti makamaniif Sagantaa jalqabsiisa simannaafi leenjii eegalchiisaniiru.

Ityoophiyaatti humna Poolisiifi Raayyaa Ittisaa cimaafi qindaa’aa ijaaruuf humnoonni addaa naannolee humna filatan keessatti akka makamaniif mootummaan murtoo dabarsuun isaa kan yaadatamudha.

Bu’uura murtichaan miseensonni humna addaa naannolee biyyattii hundarraa poolisii federaalaatti makamuu ibsameera.

Miseensa duraanii humna addaa poolisii federaalaatti makamuutti gammaduu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment