Finfinnee, Fulbaana 17, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen Arseenaal kilaba Tootinhaam 3 fi 1n injifachuu isaatti gammachuu qaban ibsaniiru.
Kilabichaa fi hogganaa isaa, akkasumas deeggartoota garichaan baga gammaddan jedhan.
Dursaan gameessi paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odingaanis, Arseenaal gara moo’annaatti deebi’uu isaan gammachuu qaban ibsataniiru.
Taphni Darbii Kaaba Landan Dilbata kaleessaa taphatame olaantummaa Arseenaaliin xumurameera.
Pool Kaagaameen Gareen Arseenaal akka namni itti eege osoo hin taane haala mishaarra jedhan fuula tiwiiitarii isaani8n.
“Yaada mo’amuu yookiin giddu-galeessummaa ta’anii itti fufuu hin fudhannu. Garechi qixa sirriin of ijaaree mo’achuu qaba,” jedhan.
Moo’achuun Arseenaal Dilbata kaleessaa duubatti jechuu hin qabus jedhan.
Mootummaan Ruwaandaa bara 2018 irraa kaasee dhimma ispoonsarummaa kilabii Arseenaal irratti dubbii xaxaa keessa jira.
Doolaara miiliyoona 42 ispoonsara ta’ee jiraachuu kan himu mootummaan Ruwaandaa, Kanaan walqabatees qomoo taphattoota kilabichaarratti asxaan “Visit Rwanda” mul’achaa jira.
Namoonni preezdaanticha qeeqan, biyya hiyyummaa keessa jirtu osoo harkaa qabanii kilabii biyya dureessaaf maallaqa kennu jechuun himatu.
Mootummaan Ruwaandaa garuu hojiin ispoonsaraa kun galiin tuurizimii biyyattii daraan akka guddatu karaa saaqeera jedhe.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.