Piroojektoonni jallisii misooma qonnaa Itiyoophiyaa milkeessan saffisaa jiru – Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2017 (FBC) – Kurmaana 1ffaatti piroojektoonni jallisii misooma qonnaa Itiyoophiyaa milkeessan saffisaa jiraachuu Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojii Dooktar Abrahaam Balaay himaniiru.

Fooyyessi diinagdee Maakiroo guutuu damee hundaan bu’aa jajjabeessan argamaa jiraachuu gamaaggama Raawwii hojii kurmaana 1ffaa gaggeeffameen ibsameera.

Ministirri MinisteeraJallisiifi Naannawaa Gammoojii Dooktar Abrahaam Balaay, bara baajata kana jalqabaan hojiilee misooma jallisii damee qonnaa deeggaran irratti xiyyeeffannoon kennemeera jedhan.

Wabii nyaataa mirkaneessuufi oomisha gabaa alaaf baay’inaan dhiyeessuun kan danda’amu hojiimaata qonnaa fooyyessuun waggaa guutuu oomishuun yoo danda’ameedha jedhan Dooktar Abrahaam.

Piroojektoonni jallisii jajjaboon fedhii qonnaa dhugoomsaan hedduun hojjetamaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment