Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Naannoo Harariitti piroojektoonni buleeyyiifi haaraan hojjetamaa jiran yeroo qabameefitti akka xumuramaniif xiyyeeffannoon hojjetamuu qabu jedhan Pireezidaantiin naannichaa Obbo Oordiin Badriin.
Obbo Oordiin miseensota kaabinee naannichaa waliin raawwii piroojektoota naannichatti hojjetamaa jiranii gamaaggamaniiru.
Piroojektoonni buleeyyiifi haaraan naannichatti hojjetamaa jiran yeroo qabameefitti xumuramuun tajaajilaaf akka gahaniif hundi tumsuu qaba jedhan.
Piroojektoota kanneen waliin walqabatee rakkoolee malaammaltummaafi hojiimaata badaa hambisuun barbaachisaa ta’uu eeruun, hoggantoonni itti gaafatamummaa isaanii haalaa hin ba’anne kan itti gaafataman ta’uu ibsaniiru.
Piroojektoota eegalaman ariitiifi qulqullinaan hojjechuun boqonnaan qophii piroojektoota haaraa cimee itti fufuu akka qabu yaadachiisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.