Piroojektiiwwan jallisii yeroon akka xumuramaniif sirni hordoffiifi to’annoo ni diriirfama- Injinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Sadaasa 4, 2015(FBC)- Piroojektiiwwan jallisii yeroon akka xumuramaniif sirni hordoffiifi to’annoo kan diriirfamu ta’uu Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad ibsan.

Piroojektiiwwan jallisii ijaaruufi bulchuu qofa osoo hin taane misooma qonnaarrattis hojjechuun nurraa eegama  jedhan.

Piroojektiiwwan jallisii ijaaraman bishaan kuusuun hojii qonnaaf akka ta’aniif gara misooma jallisiitti galuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Piroojektoonni kunneen sadarkaa, qulqullinaafi yeroo kaa’ameefitti akka xumuramaniif sirni hordoffiifi to’annoo kan diriirfamu ta’uu ibsaniiru.

Sirnichi sababoota raawwii gadi aanaa galmeessisan adda baasuufi baasii dabalataa hir’isuuf kan gargaaru ta’uu ibsuusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment