Piroojektiin walta’iinsa Giddugala Bulchiinsa Damee Nageenyaa Jeeneeviifi Poolisii Federaalaan hojiirra oolaa ture xumuramuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Piroojektiin walta’iinsa Giddugala Bulchiinsa Damee Nageenyaa Jeeneeviifi Poolisii Federaalaan dameewwan garaagaraarratti waggoottan lamaaf hojiirra oolaa ture xumuramuu ibsame.

Riifoormii damee nageenyaa ilaalchisee hoggantoota olaanoo poolisii federaalaaf leenjiin kennameera.

Giddugalli Bulchiinsa Damee Nageenyaa Jeeneev bara faranjootaa 2019 irraa eegalee hojiilee riifoormii damee poolisii federaalaa fi ijaarsa dandeettii fi ijaarsa mana kitaabaa diijitaalaa Yuunvarsiitii Poolisii Ityoophiyaaf ga’ee ba’achaa turuu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el leenjicharratti argamuun ibsaniiru.

Hojii riifoormii eegalame itti fufsiisuufi karoora tarsiimawaa waggoota 10 haala fooyya’aan milkeessuuf dameen nageenyaa yaadamaafi yaadiddama riifoormichaa hubachuun hojii walitti fufiinsa qabu hojjechuuf leenjichi barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Giddugala Bulchiinsa Damee Nageenyaa Jeeneeviitti Eeggataan Daayrektaraafi hogganaan damee Oppireeshinii Dooktar Maark Daawuns gamasaaniin, giddugalichibara 2019 irraa eegalee bu’uura gaaffii Ministeera Nageenyaafi Poolisii Federaalaan deeggarsa maallaqaa Gamtaa Awurooppaarraa argameen hoggansa olaanaa Poolisii Federaalaa waliin ta’uun caaseffama Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa, dandeettii raawwachiisummaa dhaabbatichaarratti qorannoo bal’aa taasisuu ibsaniiru.

Waggoottan lamaan darbanitti haalota rakkisoo fi yeroo gabaabaa keessatti injifannoowwan galmaa’an dinqisiifachuu kan ibsan daayrektarichi, Komishinarri Jeneraalaa Dammalaash Gabiramikaa’eel pirojektootaaf xiyyeeffannaa kennuun, hordoffii taasisaniif galateeffataniiru.

Giddugalli Bulchiinsa Damee Nageenyaa Jeneevaa fuulduratti Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan akka hojjetu ibsaniiru.

Giddugala Bulchiinsa Damee Nageenyaa Jeeneeviitti Eeggataan Daayrektaraafi hogganaan damee Oppireeshinii Dooktar Maark Daawuns fi Maanajarri Olaanaan Piroojektichaa Mistar Aleeksaandar Buriyaan sanadoota qajeelfamota giddugalichaa fi hojiilee ijoo, adeemsa fooyyessa imaammataa idil addunyaa, muuxannoowwan gaggaarii poolisii idil addunyaa fi fakkeenyota poolisii federaalaa fi yaadiddamaa hoggansaa hojii riiformii jijjiiramaa irraatti dhiyeessuun hirmaattotaan irratti mari’atamuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment