Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) – Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 95 kan hojjetame Piroojektiin Soolaarii Odaa humna Ekektirikaa Kiiloo Waattii 370 maddisiisu eebbifameera.
Humni kun tajaajila yeroo dheeraa akka kennu hawaasni sirnaan kunuunfachuu akka qabu Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Miliyoona Ballaqaan dhaamaniiru.
Piroojektichi Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuu ganda Oborsootti kan argamu yoo ta’u, Ministirri Bishaanii fi Inarjii, Gamtaan Awurooppaa, GIZ fi Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa tumsaan hojjechuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia